Tamsaasa Kallatti:

Omishaa fi omishtummaa Qonnaaf xiyyeeffannoon kennamuu, gargaaramuuraa gara omishtummaatti ce’uu tattaaffiin taasifamu bu’aa qabeessa taasisuu ibsaniiru.

Qonna gannaa bara 2017/18 lafa hektaara miiliyoona 11, misoomsuun omisha kuntaala miiliyoona 314 ol argamuu eeruun, bona kana jallisiidhaan lafti hektaarri miiliyoona 3 tuqaa 3 misoomaa jiraachuu ibsaniiru.

Omishaa fi omishtummaa beelladaa guddisuunii fi badhaadhina maatii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiraniin bu’aan argamaa jira jedhaniiru.


 

Hojii misooma kaannisaa ammayyeessuuf gaagurri kaannisaa ammayaa dhaqqabamaa ta’uu kaasuun, kanaanis misoomni dammaa toonii kuma 83 ol argameera jedhaniiru.

Naannichatti baatiiwwan ja’an darban bunni kuntaallii miiliyoona 16 tuqaa 4 walitti qabamuu fi ganna dhufu biqiltuuwan bunaa dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Walakkaa waggaatti bu’uuraaleen misoomaa fayyadamummaa Hawaasummaa fi Diinagdee guddisan hojjetamuusaanii Pirezidaanti  Shimallis ibsaniiru.


 

Naannichatti akka fakkeenyaatti pirojektiin bishaan dhugatii qulqulluun 668 xumuramanii lammiilee kuma 375 fayyadamaa gochuun danda’amuu kaasaniiru.

Baadiyaa fi magaalotatti qabeenya lafaa sirnaan gaggeessuu fi bulchuuf sirni kaadastaraa hojiirra ooluu fi bu’aa fidaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Naannichi qabeenya Albuudaa jiru sirnaan misoomsuu fi fayyadamuun akka danda’amuuf tattaaffii taasifameen baatiiwwan ja’an darban omisha Albuudaa gara alaatti ergameen galiin doolaarri miiliyoona 389 argamuusaa ibsaniiru.

Naannoo gammoojjiitti Horsiisee bulaatti misooma fulla’aa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kan kaasan pirezidaantichi baatiiwwan ja’an darban ijaarsi hidhawwan xixiqqaa fi giduugaleessa xumuramuusaa mirkaneesaniiru.


 

Naannichatti nageenyaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf hojiiwwan eegalaman caalaatti cimanii akka itti fufanii fi qaamoleen hidhatanii socho’an karaa nagaa yoo dhufan balballi motummaa yeroo hunda banaadha jedhaniiru. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015