Tamsaasa Kallatti:

Misooma waaraa fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa dha

Guraandhala 7/2018 (ENA) - Misooma itti fufiinsa qabuu fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf tumsa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf ibsaniiru.

Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun eegalameera.


 

Sirna baniinsa yaa’ichaarratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahaammud Alii Yuusuf, Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez, hoggantoonni Afrikaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.

Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf wayita sana akka ibsanitti, mata dureen yaa’ichaa dhiyeessii bishaanii itti fufiinsa qabuu fi qulqullinni isaa eegame kan jedhu, kanneen qajeeltoowwan yaa’ii kanaa ta’an, dinagdee keenyaaf furtuudha; nageenyaa fi tumsaafis barbaachisoo dha jedhaniiru.

Afrikaa gidduu seentummaa alaa irraa eeguuf tokkummaa biyyoota Ardii cimsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, naannoon daldala bilisaa Ardii Afrikaa bu’a qabeessa akka ta’uuf sirnaan itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.

Dhaabbileen faayinaansii, Baankiin Misooma Afrikaa, Koorporeeshiniin Faayinaansii Afrikaa fi Baankiin Impoortii fi expoortii Afrikaa, waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru.

Dhaabbileen guutuu Afrikaa, Gamtaan Afrikaa, NEPAD fi CDC Afrikaa tattaaffii isaanii cimsuu qabu jedhan.

Ardii kana deeggaruuf qabeenya biyya keessaa walitti qabuun filannoo osoo hin taane hojii dirqamaa ta’uu ibsaniiru.

Karoorri diinagdee Afrikaa deebii walqixxummaa dargaggootaa fi dubartootaa kan deebisu  ta’uu qaba jedhani.

Damee qonnaa gara industirii qonnaa fi qindeessummaa qonnaatti ceesisuuf, bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, misooma anniisaa fi industirii ariifachiisuun barbaachisaa dha jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015