Galmoonni Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galma akka ga’aniif Xaaliyaaniin tumsa ishee cimsitee itti fufti - ENA Afaan Oromoo
Galmoonni Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galma akka ga’aniif Xaaliyaaniin tumsa ishee cimsitee itti fufti
Guraandhala 7/2018 (ENA) -Galmoonni gajandaa 2063 keessatti kaa’aman galma akka ga’aniif Xaaliyaaniin tumsa ishee cimsitee itti fufti jedhan Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii.
Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaan Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun har’aa jalqabee Finfineetti eegalameera.
Ministirri Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii haasaa kanarratti taasisaniin, Xaaliyaan Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf carraa seena qabeessa Xaaliyaan argatteef galata guddaa qaban ibsaniiru.
Walgahiin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa waltajjii filannoowwan siyaasaa bu’uuraa fi kallattii tarsiimoo ardii kanaa itti murtaa’u ta’uu ibsaniiru.
Imaammanni alaa Xaaliyaanii tumsa waloo irratti kan hundaa’e ta’uu eeruun, tumsi dhugaa walqixxummaa irratti kan hundaa’u yoo ta’u, gama lachuu kaayyoo waloo tokkoof waliin kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Xaaliyaan tumsa dhugaa walqixxummaa irratti hundaa’e akka barbaaddu ibsuun, yaa’ii Xaaliyaanii fi Afriikaa lammataa, kan yeroo jalqabaaf Afrikaa Itiyoophiyaatti gaggeeffamees akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Milkaa’ina yaa’ichaaf Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi hoggantoota Gamtaa Afrikaa galateeffataniiru.
Yaa’ii kanarratti Karoora Maatee, kan Xaaliyaan biyyoota Afrikaa adda addaa keessatti bu’uuraalee misoomaa, qonnaa, fayyaa fi leenjii irratti hojiirra oolchaa jirtu daran cimsuuf mariin gaggeeffamaa akka ture ibsaniiru.
Akkasumas Karoorri Maatee karoora Xaaliyaanii qofa osoo hin taane pirojektii waloo Afrikaan karoora Ajandaa 2063 keessumattuu mata duree bara kanaa galmaan gahuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.
Karoorri kun beekumsa, teeknooloojii fi invastimantii qabnutti fayyadamnee galmoota Ajandaa 2063 keessatti kaa’aman galmaan ga’uuf akkasumas mul’ata Afrikaa tokkummaa fi badhaate uumuu, galma Naannoo Daldala Walabaa Ardii Afrikaa ta’e galmaan ga’uuf kan gargaaru dha jedhaniiru.
Dargaggoonni Afrikaa godaansa irra biyya isaanii keessatti hojjechuu fi jijjiiramuu akka danda’aniif misoomni humna namaa fi qulqullina barnootaa fooyyessuu kan dandeessisan hojiileen gaggeeffamuu akka qaban ibsaniiru.
Kanaafis guddina ogummaa irratti invasti gochuun carraa hojii uumuu irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Xaaliyaaniin Gamtaa Afrikaa waliin ta’uun hojiiwwan kanneen irratti cimtee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru.