Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ministirri muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan kun mata duree “ dhiheessiin bishaanii fulla’aa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun,milkaa’ina galmoota ajandaa 2063” jedhuun gaggeeffamaa ira.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa sagantichaarratti dubbii dubbataniin, keessummoonni gara dachee dur-durii gara Itiyoophiyaa baga nagana dhuftan jedhaniiru.
Bishaan qabeenya ta’uurra darbee bu’ura misoomaa, kalaqaa fi tasgabbii ta’uu ministirri muummee dubbii dubbataniin ibsaniiru.
Itiyoophiyaan mul’ata bishaan Afriikaa 2025 bu’ureffachuun itti fayyadamni bishaanii itti gaafatamarratti hundaa’e faayidaa misoomaaf qabu hojiin agarsiisaa akka jirtu dubbataniiru.
Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mana keessattii fi industiriif madda anniisaaf ooluun gamatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa kan mirkaneessu bu’aa tooftaa qabeessa ta’uu eeraniiru.
Dinagdeen Afriikaa Kan Isiyaa waliin walqixa jechuun haala danda’amuun guddachaa akka jiru ministirri muumee ibsanii, Itiyoophiyaan xumura bara bajataa kanatti dhibbantaa 10 tuqaa 2 akka guddattu eeraniiru.
Afriikaan A.L.A bara 2035 addunyaarraa humna namaa dargaggoo olaanaa kan gumaachitu ta’uu eeranii, kana gara badhaadhinaatti jijjiiruuf barnoota, fayyaa fi dhiheessii nyaata madaalawaa irratti invast gochaa akka jiran ibsaniiru.
Magaalonni Afriikaa magariisa, dhala namaaf mijataa fi fayyadama dargaggoo kan mirkaneessan ta’uu akka qaban eeranii, misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetaman kanaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru.
Misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetame sararoota bishaanii faalaman gara bakka bashannana ummataa qulqulluu fi miidhagaatti jijjiiruusaa dubbataniiru.
Kun ammoo balaa lolaa hir’isuurra darbee kabaja deebisuudhaan walitti hidhamiinsi hawaasummaa akka cimu gochuusaa dubbataniiru.
Magaalaan Afriikaa fuula duraa kun miilaan deemuuf mijataa, magariisaa fi dargaggoota jiddugaleessa kan godhate, akkasumas kabajnii fi abbummaan kan itti dhaga’amu ta’uu akka qabu dubbataniiru.
Baadiyyaattis hojmaata ammayyaa diriirsuudhaan jireenya namootaa fooyyessaa fi hawaasa gabaa waliin walitti fudaa jira jedhaniiru.
Adeemsi qindaa’aan kun eegumsa naannoo fi kunuunsa haala qilleensaa misoomaan wal qabsiisa jechuun ibsaniiru.
.Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin amma ammaatti biqiltuuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuushee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisaniiru.
Dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa karaa haqa qabeessaa ilaalamuu akka qabu eeranii, Afriikaan waltajjii addunyaarratti sagalee tokkoon dubbachuu akka qabdu hubachiisaniiru.