Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru
Guraandhala 7/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasichaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamuusaanii Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan.
Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamaa jira.
Baninsa yaa’ichaarratti Af-yaa’iin Caffee Sa’aadaa Abdurahimaan akka dubbatanitti, Caffeen bara baajatichaa walakkaa waggaatti hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa tureera.
Kanaanis Naannichatti mootummaan fayyadamummaan hawaasaa akka guddatuuf, akkasumas imalli badhaadhinaa eegalaman akka saffisu hojiiwwan deeggaran hojjetamuunsaanii mirkanaa’eera jedhaniiru.
Keessuma hundeeffama caasaa gandaa haaraan diriirfamuu, tajaajila Hawaasaaf dhiheenyatti kennuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii kaasaniiru.
Magaalattis uummanni kenna tajaajilaarratti rakkoo yeroo dheeraaf kaasaa ture furuuf tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’achaa jiraachuu dubbataniiru.
Kanaanis itti quufinsi tajaajila hawaasaa guddachuu ibsuun, ummata biratti abdii guddaan uumamuu ibsaniiru.
Walii gala fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan karoorfaman raawwiinsaanii kan jajjabeeffaman ta’uu Koreen dhaabbii caffee daawwannaa Dirree Aanaa, Godinaa fi magaalotatti taasisaniin mirkaneessaniiru jedhaniiru.
Haala duub-deebii deeggarsaa fi hordoffiin kennamaniin raawwii hanqina qaban xiyyeeffannoo akka argatan taasifamuu Afayaa’iin kun hubachiisaniiru.
Ummanni Nannichaa Filannoon waliiigalaa 7ffaa nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi hirmaachisaa fi akka ta’uuf qooda gamasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.