Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo guddaa dha

Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf muuxannoo guddaa ta’uu sadarkaa itti aanaa Ministira Muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsani.

Mariin hoggantoota sadarkaa olaanaa Afrikaatti guddina daa’immanii fi sirna dhiyeessii nyaata madaalawaa daa’immanii irratti xiyyeeffate bakka Mootiin Leesetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa soorataa Gamtaa Afrikaa mootiin Leetisiyee 3ffaa argamanitti gaggeeffameera.


 

Waltajjicharratti kan hirmaatan obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaan mala qindoomina qabu hordofuun bu’aa armaan gadii galmeessiteetti jedhan.

Itiyoophiyaan guddina daa’immanii fayyaalessaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti, hojiirra oolaa kan jiru sagantaan waadaa saqoxaa, Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru.

Waadaan Saqoxaa rakkoo quucaruu daa’immanii hambiyuu fi guddina fayyaalessa ta’e ariifachiisuuf tattaaffii taasifameen haadholii fi daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru.

Maaddii Guutuu fi Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee, haala jijjiirama qilleensaa kan dandamatu sirna qonnaa ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhani.

Mootummaan dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufus mirkaneessaniiru.

Sirna nyaataa itti fufiinsa qabu deeggaruuf faayinaansiin mandhalee cimuu akka qabu eeruun, hojiiwwan haala qilleensaa dandamatan hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan.

Dhiyeessii nyaata madaalawaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliin hojjechuun,badhaadhina Afrikaaf hundee kan ta’e misooma humna namaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.


 

Itti aanaan Ministira Muummee duraanii fi dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Addaam, obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, daa’imman Afrikaa hedduun sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkachaa jiru jedhani.

Afrikaa keessatti daa’imman miiliyoona 59 ol ta’an rakkoo quucaruuf kan saaxilamanidha kan jedhan obbo Dammaqaan,kanaafis biyyoonni Afrikaa fi michoonni misoomaa kurannoodhaan galma kanaaf hojjechuu qabu jedhaniiru.

Carraan fuula duraa Afrikaa fi milkaa’inni Ajandaa 2063, fayyaa fi ulfina haadholii fi daa’immanii irratti kan hundaa’u ta’uus hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015