Tamsaasa Kallatti:

Yaa’iin hoggantootaa gamtaa Afriikaa 39ffaan gaggeeffamaa jira

Guraandhala 7/2018 (ENA)- Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan har’aa teesoo gamtichaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.


 

Baninsa yaa’ichaarratti Dura taa’aan komishinii Gamtichaa Mahaammud Alii Yusuuf, Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meelonii, Barreessaa olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez , hoggantoonni biyyoota Afriikaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.


 

Yaa’ichi mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’jedhuun gaggeeffamaa jira.

Hoggantoonni kun kan marii’atan Ajandaalee Manni maree hojii raawwachiiftuu gamtaa Afriikaa 48ffaa walga’ii idileen iraatti marii’aterrattidha.


 

Nageenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa, hojiirra oolmaa ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa, misooma hawaasummaa fi dinagdee, misooma humna namaa, riifoormiiwwan dhaabbataa fi faayinaansii, tumsa riijinii fi qooda Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qabdu ajandaa marii keessatti eeramanidha.

Yaa’iin Hoggantootaa gamtaa Afriikaa 39ffaan hanga boruutti ni tura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015