Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaa Finfinnee gahani - ENA Afaan Oromoo
Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaa Finfinnee gahani
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaan yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee gahaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawit Shankaa simataniiru.
Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaan Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun har’aa jalqabee Finfineetti ni eegala.
Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee gahuu itti fufaniiru.