Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddudha- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddudha- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Guraandhala 6/2018(ENA)- Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddu ta’uushee Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.
Yaa’iin Xaaliyaanii-Afriikaa lammaffaan wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera.
Yaa’iin Itiyoophiyaaa fi Xaaliyaanii waloon qopheessan kun Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii ta’uushee irra deebi’uun kan mirkaneessuu fi waltajjii dippilomaasiirratti iddoo guddaa akka qabdu ifatti kan mul’isudha.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa yaa’ichaarratti dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan mariilee tarsiimawaa ta’an gara bu’aalee misoomaa qabatamaatti jijjiiruuf hojjechaa jirti.
Tumsa misoomaa kana Xaaliyaanii, obbolootaa fi obboleewwanshee Afriikaanotaa akkasumas tumsitoota biroo waliin cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii, Aviyeeshinii fi loojistiksii Afriikaa addunyaa waliin walitti fiddu ta’uushee ministirri muummee ibsanii, Itiyoophiyaan sagaleen Afriikaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti olkaasuuf hojjechaa jiraachuushee dubbataniiru.
Itiyoophiyaan misooma fi badhaadhina fulla’aa Afriikaaf bu’ura kaa’aa akka jirtu eeranii, adeemsi fakkeenya qabu kun damee tumsaa idil addunyaarrattis cimee itti ni fufa jedhaniiru.
Qabeenyi guddaan Afriikaan qabdu dargaggoo ta’uu eeruun, ogummaa fi kalaqaaf maallaqa ramaduudhaan carraalee egeree fayyadamuun akka barbaachisu eeraniiru.
Keessumaa hubannoon nam-tolchee cehumsa dijitaalaaf, bu’ura misoomaa Inarjiif, wabii nyaataa fi sirni fayyaa fooyya’uun murteessaa akka ta’e eeranii, kanaaf qophaa’uu fi hojjechuun barbaachisaadha jedhan.
Maatii Pilaaniin Xaaliyaanii fooyyessa dinagdee man-dhalee Itiyoophiyaa waliin akka wal simu ibsaniiru.
Dandeettii kalaqaa Afriikaa teeknooloojii fi kaappitaala Awurooppaa waliin qindeessuun furmaattota ardii lamaaniif badhaadhina Fidan ijaaruun akka danda’amus dubbataniiru.