Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ajandaawwan Biyyoota Hedduu Irratti Tumsa Cimsuuf ijjannoo qabaachuu isaanii ibsani

Gurandhala 6/2018 (ENA) - Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’ummaa Mana Maree Nageenya Afrikaa dabalatee ajandaalee biyyoota hedduu irratti tumsa isaanii cimsuu itti fufuu beeksisani.
Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guraandhala 7 fi 8/ 2018, waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffama.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf yaa’ichaan dura barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees waliin mari’ataniiru.



Mariin kun nageenyaa fi tasgabbii naannoo, misooma itti fufiinsa qabuu fi jijjiirama diinagdee hunda hammate irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.
Keessattuu dameen industirii Afrikaa, sona dabaluu fi jijjiirama caasaa guddinaaf, carraa hojii uumuu fi tasgabbii itti fufiinsa qabuuf gahee olaanaa akka qabu eerameera.
Dura taa’aan Komishinichaa Mahammud Alii Yuusuf akka ibsanitti, addunyaa walqixa  hin taane kana keessatti nageenya, tasgabbii fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tumsi Gamtichaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii murteessaa dha jedhani.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees, Gamtaan Afrikaa michuu tarsiimoo biyyoota hedduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uu ibsuun, Afrikaan haaromsa sirna nageenyaa, tasgabbii fi biyyoota hedduu addunyaa keessatti gahee murteessaa akka qabdu ibsaniiru.
Marii kanaan haaromsi Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hatattamaan barbaachisaa ta’uu fi Afrikaan Mana Maree kana keessatti teessoo dhaabbataa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Hoggantoonni kunneen hojii waloo Gamtichaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sirna faayinaansii addunyaa haaromsuu fi Afrikaaf faayinaansii haqa qabeessa ta’e argachuuf jalqaban itti fufsiisuuf waliigaluu isaanii odeeffannoon ENA Gamticha irraa argate ni mul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015