Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii birmadummaa diinagdee Afrikaa mirkaneessuuf abdii guddaa ta’u dha - ENA Afaan Oromoo
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii birmadummaa diinagdee Afrikaa mirkaneessuuf abdii guddaa ta’u dha
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii birmadummaa diinagdee Afrikaa mirkaneessuuf abdii guddaa ta’u dha jedhan qorataan siyaasa bishaanii doktar Yaaqoob Arsaanoo.
Hayyuun kun turtii ENA waliin taasisaniin,Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan wayita hidhichi xumurameen booda gaggeeffamuuun isaa, galmoota ardiilee waloo galmaan ga’uuf kaka’umsa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Afrikaan ardii yeroo dheeraaf garbummaa fi koloneeffannaa jala turte ta’uu kan ibsan doktar Yaaqoob Arsaanoo, Afrikaanonni yaada Paan-Afrikaanizimii jedhuun qabsoo isaaniitiin gabrummaa siyaasaa fi koloneeffannaa jalaa of baasuu danda’aniiru jedhan.
Haa ta’u malee, ardiin kun ammallee birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuuf rakkachaa akka jirtu hubachiisaniiru.
Hidhi Haaromsa Gddichaa Itiyoophiyaa kaayyoo Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin kallattiin kan walqabatu yoo ta’u, Afrikaanonni hiree ofii murteessuu akka danda’an kan agarsiisu Paan Afrikaa ta’uu ibsaniiru.
Hidhi Haaromsaa piroojektii misoomaa guddaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane, Afrikaafis birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf abdii olaanaa ta’uu ibsaniiru.
Doktar Yaaqoob Arsaanoo akka jedhanitti, Itiyoophiyaan naannoo fi kunuunsa bishaanii eegsisuuf tattaaffiin taasiftu fakkeenyummaa kan qabu yoo ta’u, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’aa ta’e akka agarsiistuu guddaatti kan fudhatamu ta’uu ibabsaniiru.
Injifannoon Itiyoophiyaan Adwaa irratti galmeessite ifa abdii walabummaa Afrikaanotaa kan agarsiise ta’uu ibsuun, injifannoo misoomaa dhaloota ammaa kan ta’e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa immoo egeree Afrikaanotaaf abdii misoomaa akka ta’u ibsaniiru.
Jaarraa 21ffaa keessatti Afrikaanonni tokkummaan dhaabbachuu fi tumsuu yoo danda’an, birmadummaa isaanii guutuu mirkaneessuu fi waltajjii addunyaa irratti sadarkaa olaanaatti mul’achuuf carraa akka qaban agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.