Tamsaasa Kallatti:

Ministirri Muummee Ruwaandaa doktar Jastitiin Nisinjiiyuumaawaa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan

Guraandhala6/2018(ENA)- Ministirri Muummee Ruwaandaa doktar Jastitiin Nisinjiiyuumaawaa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.


 

Ministirri muummee kun yeroo Buufata xiyyaaraa Idil- Addunyaa Boolee gahan Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriisii fi Deetaa ministira dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiru.


 

Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’ jedhuun gaggeeffama.

Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee seenaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015