Misooma ardii keenyaa galmaan gahuuf waliin hojjechuun dhimma ijoodha – Pirezidaanti Taayyee - ENA Afaan Oromoo
Misooma ardii keenyaa galmaan gahuuf waliin hojjechuun dhimma ijoodha – Pirezidaanti Taayyee
Guraandhala 6/2018 (ENA)- Pireezidaanti Taayyee Asqasillaasee guddina ardii keenya Afrikaa galmaan gahuuf hojiin qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisan.
Walgahiin Idilee 35ffaa Waltajjii Gamaaggama gita walii Afrikaa gaggeeffameera.
Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen waltajjii kanarratti haasaa taasisaniiru.
Haasaa isaaniin, fedhii misoomaa fi bulchiinsa gaarii Afrikaa galmaan ga’uuf sirni bulchiinsa Afrikaan durfamu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Itti dabaluunis, galmoota imala misooma Afrikaa galmaan ga’uuf hojiin qindoomina qabu furmaata dha jedhan.