Tamsaasa Kallatti:

Caffeen Oromiyaa hojiiwwan misooma Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaarratti milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiran irratti bal’inaan marii’ata

Guraandhala 6/2018(ENA)–Caffeen hojiiwwan misooma Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaarratti milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiran irratti bal’inaan akka marii’atu Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan.

Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaa boru Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamuu eegala.

Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin, Caffeen Naannichatti raawwii karoora hojiiwwan baatii ja’an darbaniirratti ni marii’ata jedhaniiru.

Keessumaa walakkaa waggaatti hojiiwwan misoomaa Hawaasummaa fi Diinagdee, milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiranirratti ni marii’ata jedhaniiru.

Dabalataanis Miseensonni Caffee fi koreewwan dhaabbii Aanaawwanitti, Magaalotaa fi Godinaaleerratti, hordoffii fi to’annoo gaggeessaniin, akkasumas daawwannaa hojii dirreen gabaasonni argaman yaa’iif dhihaatanii mariin akka irrtti gaggeeffamu eeraniiru.

Yaa’ichi muudama Abbootii seeraa dabalatee Ajandaawwan adda addaarrtti gad-fageenyaan marii’achuun ni raggaassisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015