Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Maayardiit yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Maayardiit yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan
Guraandhala 6/2018(ENA)- Pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Salvaakiir Maayardiit Yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.
Pirezidaantichi Buufata xiyyaaraa Idil- Addunyaa Boolee yeroo gahan Ministirri Albuudaa Injiinar Habtaamuu Taganyii fi Deetaa ministira dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee simataniiru.
Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’ jedhuun gaggeeffama”.
Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee dhufaa jiru.