Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad yaa’ii hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad yaa’ii hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan
Guraandhala 6/2018(ENA)- Pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad yaa’ii hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.
Ministirri galiiwwanii Ayinaalam Nugusee fi de’eetaan ministiraa dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun pirezidaanticha simataniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun boruu fi iftaan Finfinneetti ni taa’ama.