Yaa’iin Xaaliyaanii-Afrikaa lammaffaan har’a Finfinneetti ni taa’ama - ENA Afaan Oromoo
Yaa’iin Xaaliyaanii-Afrikaa lammaffaan har’a Finfinneetti ni taa’ama
Guraandhala 6/ 2018(ENA)- Yaa’iin Xaaliyaanii-Afrikaa lammaffaan har’a Finfinnee wiirtuu Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti tti ni taa’ama.
Yaa’iin kun hariiroon Xaaliyaanii-Afriikaa tumsawwan ardii fi idil addunyaa caalatti akka cimu kan godhudha.
Yaa’iin kun Finfinneetti taa’amuunsaa Itiyoophiyaan Afriikaa addunyaa waliin wal quunnamsiisuuf humna qabdu kan agarsiisu ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaan yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa keessummeessuuf qophooftee keessummootashee simachaa jirti.
Hoggantoonni biyyoota garagaraa fi barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez dabalatee gaggeessitoonni dhaabbilee garagaraa Finfinnee dhufaniiru.
Yaa’iin Xaaliyaanii-Afriikaa ardii Afriikaatti yoo gaggeeffamu kun kan jalqabaati.