Tamsaasa Kallatti:

Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf sararri Ibsaa KM.12 diriirfame

Guraandhala 6/2018(ENA)–Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf sararri Ibsaa KM.12 diriirfamuu tajaajilli humna ibsaa Itiyoophiyaa beeksise.

Tajaajilichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf bu’uuraaleen misoomaa Ibsaa bal’aan diriirfamaa jira.

Pirojektichaaf buufata humna raabsu haaraan Jimmaarraa sarara KM.12 kan dheeratu, kiiloo vooltii 15n ta’u diriirsuu fi dhaabbiin utubaa gidduu-galessa 300 raawwatamuusaa ibseera.

Haaluma wal-fakkaatuun Tiraanisfoormaroota kompaaktii Kiiloovooltii Ampiirii kuma 1 fi 250, abbaa kiloovooltii ampiirii 630 tokkoo fi tiraanisfoormarii humna abbaa Kiiloo vooltii ampirii 200 dhaabbachuusaa tajaajilichi ibseera.

Hojiin sarara diriirsuu bakka raabsa humnaarraa eegalee hanga pirojektichaatti kan jiru baatii sadiitti xumuruun baatii Adoolessaarraa eegalee pirojektichaaf humna weeggaa waattii 5n dhihessuun danda’ameera jedhaniiru.

Sadarkaa Sarara raabsaa eeguu fi hojiin konkiriitiin jijjiruu dhibbantaa 85 gahuu tajaajilichi beeksiseera.

Yeroo ammaa hangi humna magaala Ismaarti siitiif dhihaate meeggaa waattii 5n ta’us, ijaarsawwan gurguddoo biroo gara fuulduraatti raawwatamaniif humna meeggaa waattii dabalataa 20 dhihessuuf hojjetamaa jira jechuun tajaajilichi ibsa ergeen beeksiseera. 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015