Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessiseera

Guraandhala  6/2018 (ENA) - Itiyoophiyaatti damee misooma qabeenya bishaanii fi hojiin uwwisa bishaan qulqulluu irratti hojjetame guddina olaanaa galmeessisuu ibse Ministeerri Bishaanii fi Inarjii.

Walgahiin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti kaleessaa fi dheengadda guyyoota lamaaf adeemsifamaa ture xumurameera.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun boruu fi boru oolee itti fufa.

Akka Gorsaan Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa ibsanitti, mata dureen Gamtichi irratti mari’atu nageenya bishaanii fi qulqullina naannoo Afrikaa irratti xiyyeeffachuun milkaa’ina misooma Itiyoophiyaaf galtee guddaa ta’a jedhani.

Biyyoonni Afrikaa bu’uuraalee bishaanii nageenyaa fi amanamoo ta’an ijaaruun lammiilee ardii kanaa fayyadamummaa waliigalaa mirkaneessuuf waliin hojjechuu qabu jedhani.

Kanumaan walqabatee Itiyoophiyaan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu lammiilee ishee fooyyeessuu qofa osoo hin taane, ummata biyyoota ollaa fayyadamoo taasisuudha jedhaniiru.

Mata dureen yaa’ii hoggantoota Gamtichaa sirna bishaanii fi qulqullina naannoo ardiilee fooyyessuuf carraa invastimantii akka uumus eeraniiru.

Bu’aawwan qabeenya bishaanii fi sirna qulqullinaa Itiyoophiyaa fooyyessuu keessatti galmaa’an eegsisuuf ijaarsi bu’uuraalee misoomaa bal’aan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Itiyoophiyaan piroojektoota misooma bishaan dhugaatii qulqulluu, bulchiinsa bishaanii fi misooma anniisaa haaromfamuu danda’u ardii kanaafis ta’e dhiyeessuudhaan milkaa’ina fakkeenyummaa qabu galmeessisuu ishee ibsaniiru.

Investimantiin qabeenya bishaanii dandeettii guddaa akka barbaadu eeruun, Itiyoophiyaan ajandaa Gamtaa Afrikaa galmaan ga’uuf michoota misoomaa waliin ta’uun hojjechaa jirti jedhani.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015