Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni Omishtummaa Qonnaa Birmadummaa nyaataa mirkaneessuu keessatti fakkeenyummaan kan fudhatamanidha

Guraandhala 6/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti milkaa’inoonni wabii nyaataa mirkaneessuuf argaman biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenyummaan kan fudhataman ta’uusaa hogganaan waldaa shaarika daldalaa Gamtaa warraaqsa misooma Magariisaa Afrikaa (AGRA) Kaasii karlii Manilan ibsan.

Walga’iin Idilee Mana Maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan guyyaa lamaaf gaggeeffamaa ture kaleessa xumurameeera.

Yaa’iin hoggantootaa gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu, milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun boruu fi iftaan Finfinneetti gaggeeffama.

Gamtaa warraaqsa Magariisaa Afrikaatti (AGRA)tti Hoggantuun shaarikaa fi Misoomaa Daldalaa Kaasii Karlii misooma qabeenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa fayyummaa Hawaasaaf dhimma murteessaadha jedhaniiru.

Kanaanis Afrikaatti omishtummaa Qonnaa mirkaneessuun birmadummaa nyaataa Lammiilee dhugoomsuuf misoomni qabeenya Bishaanii fi bu’uuraalee misoomaa jallisii babal’isuu akka qaban eeraniiru.

Misooma Qabeenya bishaaniin omishawwan Misooma Qonnaa Ardii baayaa’inaa fi qulqullina dabaluun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun akka barbaachisu kaasaniiru.

Kanaanis biyyoota Afrikaa keessatti omistummaa guddisuun lammiileen Adrichaa sirna soorataa fayyaa qabeessaa fi Amansiisaa haala itti argatan akka qabaatan hubachiisaniiru.

Kanaanis Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa mirkaneesuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aa qabeessa ta’uushee eeruun,biyyoota Afrikaa birootiif Barnoota akka ta’u dubbataniiru.

Omishtummaan qonnaa Itiyoophiyaa birmadummaa sirna soorataa mirkaneessuuf cimaa fi ajaa’ibsiisaa ta’uusaanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015