Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaadha
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu hayyoonni hubachiisani.
Hayyoonni kunneen ENAtti akka himanitti, mirgi buufata galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa, fi teessuma lafaatiin fudhatama kan qabu yoo ta’u, tasgabbii fi guddina waliinii biyyoota gaanfa Afrikaafis murteessaa ta’uu dubbatani.
Yuunivarsiitii Finfinneetti kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Dammaqaa Achisoo dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma misoomaa fi jiraachuu akka ta’e ibsani.
Kana galmaan ga’uuf hojiin dippilomaasii fi seeraa hojjetamaa jiru fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uu fi galma guddina waloo naannichaaf iddoo guddaa akka qabus eeraniiru.
Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee fayyadamuun daldala idil-addunyaa fi hariiroo alaa gaggeessaa akka turte ragaan kan agarsiisu ta’uus Yunivarsiitii Hawaasaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa doktar Nugus Balaay himaniiru.
Bu'uura seenaa fi seera qabeessa kana bu'uura godhachuun Mirga Itiyoophiyaan buufata galaanaa irratti qabdu mirkaneessuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta'uu ibsaniiru.
Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dippilomaasii fi imaammata alaa kan ta’an doktar Ambaasaaddar Maarqoos Takilee gama isaaniin, Itiyoophiyaan karra galaanaa eegsisuuf carraaqqiin dippilomaasii taasiftu milkaa’inaan itti fufuufaa jiraachuu beeksisaniiru.
Adeemsa ulaa galaanaa argachuuf haalli Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, dippilomaasii fi seera qabeessa ta’e galmaan ga’uuf hirmaannaa lammiilee dabalatee biyyoonni naannichaa deebiin gaarii jiru barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.