Tamsaasa Kallatti:

Pireezdaantiin Naamibiyaa doktar Netumboo Naandii- Nidaayuutii Finfinnee Galan

Guraandhala 6/2018 (ENA)- Pireezdaantiin Naamibiyaa Doktar Netumboo Naandii-Nidaayuutii yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaan simataniiru.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaa Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.

Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee gala jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015