Tamsaasa Kallatti:

Itti Aanaan Pirezidaantii Siisheelsi Sebasetiyaan piilee Finfinnee dhufan

Guraandhala 6/2018(ENA)- Itti Aanaan Pirezidaantii Siisheelsi Sebasetiyaan piilee yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 39ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru.


 

Itti Aanaan Pirezidaantii kun Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yeroo gahan Deetaan Minsitira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Biraanu Tsaggaayee simannaa taasisaniiru.


 

Yaa’iin hoggantootaa 39ffaan mata duree “dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun sanbataa fi dilbata dhufu ni gaggeeffama.

Hoggantoonni yaa’icharratti hirmaatan gara teessoo gamtaa Afriikaa Finfinnee galaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015