Pireezdaantiin Baankii Misooma Afrikaa doktar Siidii Uldi Taahii yaa'ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru - ENA Afaan Oromoo
Pireezdaantiin Baankii Misooma Afrikaa doktar Siidii Uldi Taahii yaa'ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru
Guraandhala 6/2018 (ENA)- Pireezdaantiin Baankii Misooma Afrikaa doktar Siidii Uldi Taahii yaa'ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Karooraa fi Misooma doktar Fitsuum Asaffaa simataniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun ni gaggeeffama.
Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee gala jiru.