Tamsaasa Kallatti:

Hoggantoonni yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee gala jiru

Guraandhala 6/2018 (ENA)- Pireezidaantiin Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa Faawustiin Archaanjee Towudeeraa fi itti aanaan pireezdaantii Naayijeeriyaa Kaashiim Sheetimaa Walgahii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee Galaniiru.

Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa simannaa taasisaniiru.


 

Itti Aanaan Pireezidaantichaa Buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan Ministirri Innooveeshinii fi Teeknooloojii Doktar Ballaxaa Mollaan simatamaniiru.

Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun gaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015