Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez Finfinnee galani - ENA Afaan Oromoo
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez Finfinnee galani
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guteereez Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahanitti Ministira Karooraa fi Misoomaa, doktar Fitsum Asaffaa simataniiru.
Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez sirna baniinsa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa irratti haasawaa ni taasisu jedhamee eegama.
Dhimmoota adda addaa irrattis hoggantoota Afrikaa waliin ni mari'ata jedhamee eegama.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.
Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee galaa jiru.