Walga’iin Idilee mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan xumurameeera - ENA Afaan Oromoo
Walga’iin Idilee mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan xumurameeera
Guraandhala 5/2018(ENA)-Walga’iin Idilee mana maree hojii raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa 48ffaan har’a xumurameeera.
Yaa’iichi mata duree “ dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f’’ jedhuun kaleessaa eegalee teessoo gamtichaa Finfinneetti gaggeeffamaa tureera.
Ministiroonni dhimma Alaa biyyoota Afriikaa, Dippiloomaatonnii fi Hoggantoonni Dhaabbilee Gamtichaa hirmaataniiru.
Manni Marichi Ajandaawwan yaa’ii koree dhaabbii bakka Gamtaa Afriikaa 51ffaa baatii Amajjii bara 2018 irratti marii’aterratti marii gaggeesseera.
Manni maree hojii raawwachiiftuu Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 yaa’ii Hoggantoota Gamataa Afriikaa 39ffaarratti Ajandaawwan dhihaatan mirkaneesseera.
Walga’iin Mana Marichaa Dhaabbileen Gamtaa Afriikaa fi caasawwan, koreewwan mana marichaa jalatti argamani fi koreewwan xixiqqaa akkasumas, gabaasa raawwii Ajandaa 2063 dhaggeeffateera.
Nageenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa, hojiirra oolmaa Ajandaa 2063 fi walitti hidhaminsa Ardii Misooma Diinagdee fi Hawaasummaa, Misooma qabeenya namaa , Riifoormii dhaabbataa fi faayinaansii, michummaa riijinii fi qooda Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qabdu yaa’ichi ajandaawwan irratti marii’ate keessatti kan eeramanidha.
Hirmaannaa Afriikaan yaa’ii hoggantoota biyyoota Miseensota Garee20
(G-20)A.L.A.bara2025nAfriikaa Kibbaatti gaggeeffamerratti qabdu gamaggamameera.
Manni marichi yaa’ichaan filannoowwan gaggeesuun gurmaa’insawwan Gamtaa Afriikaaf namoota muudaman filateera.
Somaaliyaan Miseensa Nagaa fi tas-gabbii Gamtaa Afriikaa taatee filatamteetti.
Gamtaan Afriikaa qaama riifoormii furtuu humna namaa kan ta’e irratti , oditii dandeettii fi madaallii gahumsaa sadarkaa irra jirurratti marii’ateera
Hammattoo seeraa fi Dhimma Bulchiinsaarratti marii’ateera.
Angoolaan dura teessummaa Mana Maree Hojii-raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa yeroo ammaa Buruundiitti dabarsiteetti.
Ministirri dhimma alaa Angoolaa fi durataa’aan yeroo Aangoosaanii xumuran Ambaasaaddar Teetee Antooniiyoo manni marichi ajandaawwan ardii adda addaarratti marii’achuun milkaa’inaan xumuruu hubachiisaniiru.