Afrikaan yeroo kamiyyuu caalaa dantaa ishee kabachiisuuf waliin dhaabbachuu kan qabdu wayita kana dha - ENA Afaan Oromoo
Afrikaan yeroo kamiyyuu caalaa dantaa ishee kabachiisuuf waliin dhaabbachuu kan qabdu wayita kana dha
Guraandhala 5/2018 (ENA)- Afrikaan yeroo kamiyyuu caalaa dantaa ishee kabachiisuuf waliin dhaabbachuu kan qabdu wayita kana dha jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo.
Dubbi himaan kun kana kan jedhan Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/2018 Finfinneetti gaggeeffamu dura, walgahii 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa ilaalchisee ENA’f ibsa kennaniinidha.
Ibsa kennaniin, manni marichaa keessumaa jijjiirama qilleensaa, dhaqqabamummaa faayinaansii fi bakka bu’ummaa haqa qabeessa Afrikaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessatti qabaachuu qabdu irratti bal’inaan mari’achuu isaa beeksisaniiru.
Afrikaan addunyaa jijjiirama guddaa qabdu keessatti dantaa ishee eeguu kan dandeessu sagalee tokkoon dhaabbachuu qofa akka ta’es dubbataniiru.
Itiyoophiyaan konfiraansii kanarratti dantaa biyyoolessaa ishee kabachiisuu bira darbee biyyoota miseensa ta'an qindeessuun "Ajandaa 2063" ardii kanaa galmaan ga'uuf gahee adda duree taphachaa jirti jedhan.
Itiyoophiyaan bishaan misoomaaf, tumsaa fi badhaadhina waloo irratti ejjennoo cimaa fudhachuun tattaaffii dippilomaasii taasisaa akka jirtus ibsaniiru.
Ejjennoo kana cimsuuf walga’ii kana cinatti bakka bu’oota biyyoota adda addaa waliin mariin gamlamee gaggeeffamaa akka jirus hubachiisaniiru.
Manni marichaa marii har’aa irratti nagaa fi nageenya biyyoota ollaa irratti mari’ateera, keessattuu balaa Al-Shabaab to’achuuf carraaqqiin qindoominaan taasifamu barbaachisaa ta’uu isaa irratti mari’atameera jedhan.
Itiyoophiyaan muuxannoo olaanaa naannicha eegsisuuf qabdutti akka fayyadamtu eeruun, biyyoonni biroos kanaafis ga’ee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Adeemsa nagaa Sudaan ilaalchisee, furmaanni abbummaa ummata Sudaan mirkaneessuu fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisu barbaachisa jedhan.
Itiyoophiyaan konfiraansii kana keessummeessuuf qophii bal’aa kan taasifte ta’uu Ambaasaaddarichi kan hubachiisan yoo ta’u, jijjiiramni miidhaginnii fi misoomni magaalaa Finfinnee yeroo ammaa mul’achaa jiru xiyyeeffannaa keessummoota hedduu hawwachuusaa hubachiisaniiru.
Hirmaattonni hedduun guddina magaalattii kan dinqisiifatan ta’uu eeruun,muuxannoo kana gara biyya isaaniitti deebisuuf fedhii kan qaban ta’uu ibsaniiru.