Tamsaasa Kallatti:

Walakkaa bara baajataa kana keessa turistoonni kuma 102 ol naannoo Hararii daawwataniiru

Guraandhala 5/2018 (ENA) - Walakkaa bara baajataa 2018 keessa turistoonni biyya alaa fi biyya keessaa kuma 102 fi 382 ol naannoo Hararii daawwataniiru jedhan pireezidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii obbo Ordiin Badirii.

Walgahiin idilee 9ffaa, marsaa 6ffaa waggaa 5ffaa Mana Maree Naannoo Hararii yeroo ammaa gaggeeffamaa jira.


 

Walgahii kanarratti gabaasa hojii bulchiinsa mootummaa naannichaa walakkaa bara 2018 kan dhiyeessan obbo Ordiin damee turizimii keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa ibsaniiru.

Pirojektoonni misooma bakkeewwan gahumsa turistootaa, beekamtiin Harar idil-addunyaa fi hojiin beeksisaa itti fufee jiru magaalattiif dandeettii dabalataa uumuu qofa osoo hin taane, yaa’insa turistootaa fi turtiin turistootaa akka dabalu kan dandeessise ta’uu ibsaniiru.

Walakkaa bara baajataa kanaatti turistoota naannicha daawwatan irraa birriin miiliyoona 226 ol akka argames hubachiisaniiru.

Sagantaa Irra Deebiin Misoomsuu Daandiiwwan Keessoo Jagool marsaa 4ffaa irratti hirmaannaa dhaabbilee mootummaa, aanaalee fi abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin hojiiwwan misooma koridaraa kiiloo meetirri sagalii ol hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Gama biraatiin, hojiiwwan omishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti bu’aa jajjabeessaan argamuu ibsaniiru.

Damee qonnaa misooma jallisii babal’isuu, sagantaa Ashaaraa magariisaa, makaanaayizeeshinii fayyadamuu, dhiyeessii sanyii qulqullina qabu guddisuun, oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka turanis eeraniiru.

Midhaan biilaa fi agadaa kuntaala kuma 9 fi 374 kan misoomsuun, oomisha callaa kuntaala kuma 150 fi 572 akka oomishuun danda’ame beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015