Tamsaasa Kallatti:

Pireezdaantiin Bootisiwaanaa Duumaa Bookoon yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galani

Guraandhala 5/2018 (ENA)- Pireezidaantiin Bootisiwaanaa Dumaa Bookoon yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Doktar Ballaxaa Mollaa simataniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galma Gahuu” jedhuun kan gaggeeffamu ta’a.
Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa kan taate Finfinnee gala jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015