Pireezdaantiin Burundii Evarasti Nidaayishimiyee Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Irratti Hirmaachuuf Finfinnee Galani - ENA Afaan Oromoo
Pireezdaantiin Burundii Evarasti Nidaayishimiyee Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Irratti Hirmaachuuf Finfinnee Galani
Guraandhala 5/2018 (ENA)- Pireezdaantiin Burundii Evarasti Nidaayishimiyee yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Doktar Ballaxaa Mollaa simataniiru.
Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaa mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun kan gaggeeffama.