Tamsaasa Kallatti:

Mootiin Leeseetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa nyaataa Gamtaa Afrikaa Mootii 3ffaa Leetisii Hospitaala Yaadannoo Zawudituu daawwatan

Guraandhala 5/2018 (ENA)- Mootiin Leeseetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa nyaata Gamtaa Afrikaa Mootii 3ffaa Leetisii Hospitaala Yaadannoo Zawudituu daawwataniiru.

Daawwannaa kanarratti Ministirri Ministeera Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa, Hogganaan Biiroo Fayyaa Finfinnee, Doktar Yohaannis Caalaa, Pirezidaantii fi Hojii Gaggeessaan Dhaabbata Newuujenereeshin Intarnaashinaal Jooyil Ispaasarii fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Daawwannaan Mootii Leetisii 3ffaan Hospitaala Zawudituutti taasisan, sochii Itiyoophiyaa fi hospitaalichi gama guddina waliigalaa fi wabii nyaataa daa’immanii ilaaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Mootiin Leeseetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa Nyaataa Gamtaa Afrikaa, Mootii Leetisii 3ffaa, Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf kaleessa galgala buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita ga’an, Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaan isaan simachuun isaanii ni yaadatama.

Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree "Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsa Qabuu fi Sirna Qulqullina Nageenyaa Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 galmaan gahuu" jedhuun, Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa guyyaa lammaffaansaa gaggeeffamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015