Waltajjiin guduunfaa supparviizyinii fi deeggarsaa paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera. - ENA Afaan Oromoo
Waltajjiin guduunfaa supparviizyinii fi deeggarsaa paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera.
Guraandhala 5/2018(ENA)- waltajjiin gudunfaa supparviizyinii fi hordoffii paartii fi mootummaa walakaa waggaa bara baajataa 2018 gaggeeffamuu eegaleera.
Waltajjicharratti Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatamaan waajjira muummee Obbo Adam Faaraah Dabalatee, hoggantoonni hojii olaanoon mootummaa Federaalaa fi Naannoo akkasaumas miseensonni garee Supparviizyinii argamaniiru.
Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Itti gaafatamaan Waajjira Muummee Obbo Adam Faaraah baninsa waltajjichaarratti, kaayyoon guddaan Supperviizyinichaa xumura leenjii hoggantoota olaanoorratti raawwii kallattiiwwan fi qajeelfamawwan hojii keessatti kaa’aman madaaluudha jedhaniiru.
Mata duree "Ilaalama Mootummaa Ida'amuutiin guddina dameelee" jedhuun leenjii kenname xumurarratti dhimmoota akka biyyaatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti qalfamoonni tarreeffamanii kennamuu yaadataniiru.
Waltajjicharratti miseensonni Hordoffii Daawwannaa Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa hundatti gaggeessanii bu’aa fi muuxannoo argatan ni dhiheessu jedhaniiru.
Keessumaa baatiiwwan ja’an darban xiyyeeffannoon itti kennamuun kan hojjetaman Qaala’insa jireenyaa hir’isuu, gargaaramuu keessaa bahuu, hojiiwwan misoomaa, hojiiwwan bulchiinsa gaarii dabalatee dhimmoota biyyaa biroorratti hojiiwwan hojjetaman ni ilaalamu jedhaniiru.
Waltajjicharratti muuxannoo gaarii daawwannaa hordoffiin argame kan waloo taasisuu fi dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo fi deeggarasa barbaadan adda baasuun itti fufsiisuuf faayidaansaa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Waltajjicharratti xiyyeeffannoon walakkaa waggaa itti aanuu ni kaa’ama jedhameetu eegama.