Naannichatti gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii ummatichaa deebisuun danda’ameera -Pirezidaantii Naannichaa Ordiin Badirii - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii ummatichaa deebisuun danda’ameera -Pirezidaantii Naannichaa Ordiin Badirii
Guraandhala 5/2018(ENA)-Naannichatti hojiiwwan gaaffii misoomaa fi Bulchiinsa gaarii Hawaasicha deebisan hojjetamuusaanii Bulchaan Nannoo Hararii Ordiin Badirii dubbatan.
Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa gaggeessaa jira.
Yaa’icharratti pirezidaantiin Naannichaa Ordiin Badirii gabaasa raawwii karoora hojii mootummaa walakkaa waggaa bara baajatichaa dhiheessaniiru.
Gabaasasaaniin walakkaa waggaa bara baajatichaatti naannichatti hojiiwwan gaaffii misoomaa hawaasichaa deebisan damee dameen galmaa’eera jedhaniiru.
Pirojektoota misoomaa baajata qabameefiin yeroo fi qulqullinaan xumuramuun fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuun danda’amuu ibsaniiru.
Akka fakkeenyaatti Miidhagina Magaalaa dabaluu fi bakka gahumsa Tuuristii Harar dabaluusaa fi bu’uuraalee misoomaa adda addaa kaasaniiru.
Dabalataanis Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Dijiitaalaa Harar gara hojiitti galuun gaaffii bulchiinsa gaarii fi kenna tajaajilaa jiraattonni deddeebisuun kaasan deebii qabatamaa kennuu danda’uu obbo Ordiin beeksisaniiru.
Manni Maree Naannoo Hararii yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 5ffaa marsaa 6ffaa Gabaasa Bulchaan naannichaa dhiheesserrati bal’inaan marii’achuun gabaasicha akka mirkaneessu ni eegama.
Dabalataanis yaa’ichi labsiiwwan guddinaa fi nageenya fulla’aa naannichaa mirkaneessan kan mirkaneessu ta’uun ibsameera.