Tamsaasa Kallatti:

Guyyaan galmee filattootaa Guraandhala 28tti dheerate

Guraandhala 5/2018(ENA) - Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa guyyaan galmee filattotaa itti eegalu gara Guraandhala 28tti dabarfamuu beeksise.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoo kana ilaalchisee ibsa kenneera.


 

Walitti qabduun Boordii Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatawarqi Hayiluu akka galmee filannootti galmeen filattotaa Guraandhala 7 akka gaggeeffamuuf yeroon qabamee ture yaaadachiisaniiru.

Hojiin qooda fudhattoota waliin hojjetamaa ture guutuu dhabuu irraa kan ka’e galmeen gara Guraandhala 28tti akka darbu beeksisaniiru.

Galmeen kaadhimtootaa Amajji 1, 2018 eegalame gaaffii paartileetiin dhiyeessaniin hanga 16tti akka dheeratu taasifamuu dubbataniiru.

Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti paartileen morkattootaa 42 dhuunfaan dorgomuuf kan galmaa’an yoo ta’u, paartileen 15 ammoo lamaanii fi tokkoon dorgomuuf galmaa’uu isaaniis himaniiru.

Itiyoophiyaan yeroo filannoo murteessaa keessa waan jirtuuf milkaa’ina isaaf hunduu gahee isaa bahuu akka qabu ENAtti himuun isaanii ni beekama.

Buufata filannoo waliigalaa keessaa gara kuma 17tti galmeen filattootaa dijitaalaan akka ta’uuf hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015