Itiyoophiyaan itti fufiinsa bishaanii fi waliingahinsa isaa irratti gahee adda duree taphachaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan itti fufiinsa bishaanii fi waliingahinsa isaa irratti gahee adda duree taphachaa jirti
Guraandhala 5/2018 (ENA) -Itiyoophiyaan itti fufiinsa bishaanii fi waliingahinsa isaa irratti gahee adda duree taphachaa akka jirtu Sekreetariyaatiin Diinagdee, Hawaasummaa fi Mana Maree Aadaa Gamtaa Afrikaa beeksisani.
Hogganaan Sekreetariyaatii Diinagdee, Hawaasummaa fi Mana Maree Aadaa Gamtaa Afrikaa Wiliyaam Kaariiwuu, gaheen hoggansa mootummaan Itiyoophiyaa agarsiisaa jiru Gamtaa Afrikaaf bu’uura ta’uu hubachiisaniiru.
Biyyoonni miseensa Gamtichaa muuxannoowwan gaggaarii fi imaammata miseensonni biyyoota biroo qopheessan akka fakkeenyaatti fayyadamuu akka qaban ENAtti himaniiru.
Kanumaan walqabatee mootummaan Itiyoophiyaa imaammataa fi hojmaata dhiyeessii fi waliingahinsa bishaanii itti fufiinsa qabuuf gumaachaa taasifte ta’uu eeruun, kunis biyyoota miseensa Gamtaa Afrikaa birootiif muuxannoo gaarii ta’uu ibsaniiru.
Tarkaanfiiwwan imaammataa fi kutannoowwan hoggansi fudhateen Itiyoophiyaan waggootan darban keessa biqiloota biliyoona 48 ol dhaabuun milkaa’ina galmeessites ajaa’ibsiifataniiru.
Kunis lakkoofsa guddaa ta’uu eeruun, bu’aa hoggansaafi imaammata sirrii ta’uu dubbataniiru.