Tamsaasa Kallatti:

Galteewwan bu’uuraalee Elektirikaa dhibbeentaa 80 biyya keessaan guutamuun danda’ameera

Guraandhala 5/2018 (ENA) - Tajaajilli Elektirikaa Itiyoophiyaa ji’oota jahan darban keessatti galteewwan bu’uuraalee humna ibsaa dhiyeessitoota biyya keessaan dhibbentaa 80 guutuu danda’uu isaa beeksise.


 

Hojii Gaggeessaan Kominikeeshinii tajaajilichaa obbo Anwaar Abraar akka ibsanitti, galteewwan adda addaa qulqullinni isaanii eegame dhiyeessitoonni biyya keessaa akka dhiyeessan carraan dursa kennameeraafii jedhan.

Kunis tarkaanfiiwwan mootummaan diinagdee mandhalee jajjabeessuu eegalee fi invastimantii biyya keessaa babal’isuuf fudhate keessaa isa tokko ta’uu ENAtti himaniiru.


 

Haaluma kanaan, tiraansifoormaroota raabsaa kuma 3 fi 944, insulaatoroota kuma 32 ol, meeshaalee eegumsa tiraansifoormaraa kuma 97 ol, kondaaktarootaa fi keebiliin meetira kuma 32 ol, meeshaalee haardiweerii adda addaa kuma 201 ol dhiyeessii biyya keessaatiin uwwifamuu isaanii ibsaniiru.


 

Tajaajilichi maammiloota isaaf deebii ariifataa kennuufi hanqina dhiyeessii galteewwanii hambisuuf oomishtoota mandhalee jajjabessaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015