Tamsaasa Kallatti:

Pireezdaantiin Koomoroos Aazaalii Asoomaanii fi mootiin Leesetoo Letisee 3ffaa yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galan

Guraandhala 5/2018 (ENA): Pireezidaantiin Koomoroos Aazaalii Asoomanii fi Mootiin Leesetoo Letisee 3ffaan yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Pireezidaantii fi Mooticha Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee fi Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaan simatamaniiru.


 

Oduuma kanaan walqabatee, Pireezidaantiin Itti aanaan Gaambiyaa Mahaammad Jaaloo yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.

Itti Aanaan Pireezidaantichaa wayita buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee gahan Ministirri Qonnaa Addisuu Araggaan simataniiru.

Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree "Dhiyeessii Bishaanii Itti Fufiinsa Qabu fi Sirna Qulqullina Nageenyaa Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 galmaan gahuu" jedhuun kan gaggeeffamu ta'a.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015