Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha-Kilaavar Gaateetee - ENA Afaan Oromoo
Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha-Kilaavar Gaateetee
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa fooyyessuun, guddina diinagdee Ardichaa ariifachiisuun barbaachisaadha jedhan barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee.
Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.
Walgahii kana irratti Ministirri Dhimma Alaa, doktar Geediyoon Ximootiwoos, Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa, Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru.
Kanuma waliin barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gaateetee mata dureen bishaanii fi qulqullina naannoo Gamtaa Awurooppaa milkaa’ina Ajandaa 2063tiif gahee guddaa qaba jedhan.
Cancala qabeenya uumamaa Afrikaa, anniisaa haaromfamuu danda’u, albuudaa fi qabeenya uumamaa fooyyessuudhaan guddina dinagdee ardii kanaa saffisiisuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Madaalliin liqaa fi caasaa fiizikaalaa ardii kanaas daldalaa fi invastimantii quucarsaa jiraachuu eeruun, kunis guddina Afrikaa irratti dhiibbaa guddaa uuma jedhan.
Daldalaa fi invastimantii Afrikaa guddisuun haala dinagdee babal’isuu qabu ijaaruuf walitti dhufeenya cimaa irratti hundaa’uun tumsa biyyoota miseensa ta’an cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Gara fuula duraatti bu’uuraalee hawaas-diinagdee babal’isuun tatamsa’ina dhibeewwan bishaaniin daddarban Afrikaanota mudatan to’achuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru.
Waliigaltee Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa guutummaatti hojiirra oolchuu saffisiisuun walitti dhufeenya hawaas-dinagdee lammiilee ardii kanaa cimsuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/ 2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.