Dargaggoonni Adoolaa Waayyuu Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoonni Adoolaa Waayyuu Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aniiru
Guraandhala 4/2018(ENA)- Godina Gujii Magaalaa Adoolaa waayyuu Dargaggoonni Carraa hojii uumameefiin fayyadamoo ta’aa dhufuusaanii ibsan.
Godinichatti Magaalaa Adoolaa waayyuutti dargaggoonni carraan hojii dameelee adda addaan isaaniif uumame fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddachaa dhufuusaa ibsaniiru.
Magaalichatti miseensa Waldaan IMX Horsiisa Lukkuu Baarkoot Dargaggoo Laamasgin Baqqalaa, hojiin misooma lukkuu ciminaa fi of-eeggannoon yoo hojjetame bu’aa qabeessa akka nama taasisu dubbateera.
Hojiisaanii waggaa sadiin dura Lukkuu 250n eegaluusaanii ibsuun, yeroo ammaa lukkuu killee buustu kuma sadii akka qaban ibsaniiru.
Walitti hidhaminsa gabaa mootummaan isaaniif uumeen guyyaatti killee kuma tokko daldaltootaa fi fayyadamtootaaf dhiheessuun galiisaanii guddifachaa jiraachuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa hojiisaanii Invastimentiiin babal’isuuf gaaffii lafaa dhiheessuun bulchiinsa magaalaarra deebii argachuusaanii ibsaniiru.
Dura ta’aan waldaa IMX Horsiisa lukkuu Ifa boruu Dubree Boontuu Waaree gamasheen waldaansaanii cuucii guyyaa tokkoo fudhatanii guddisuun lukkuu goromtii guyyaa 45n fi kaakkiftuu fayyadamtootaaf akka dhiheessan dubbatteetti.
Barnoota ogummaa Qonnaan digiriin eebbifamuu kan ibsite Boontuun, damee hojii hiriyootashee waliin irratti bobbateen fayyadamoo ta’aa jiraachuu ibsiteetti.
Dura taa’aan Waldaan IMX omisha Gaagura kaannisaa Lalisee, Qumnagarii fi Alam, Abiraam Zawuduu gamasaan, gurmaa’anii gara hojiitti galanii baatii sadii keessatti gaagura ammayyaa 100 fayyadamtootaaf dhiheessuusaanii ibseera.
Hojichi bu’aa qabeessaa fi guddachaa kan deemu ta’uu ibsuun, yeroo ammaa namoota 10’f carraa hojii uumuun fayyadamtoota isaan taassisuu ibsaniiru.
Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Adoolaa Waayyuu fi Itti Gaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa Obbo Shimallis Irbaa, magaalichatti baatiiwwan ja’an darban dargaggoota kuma 1 fi 583 damee Qonnaan, Industirii fi dameelee misoomaa biroon carraan hojii isaaniif uumamuu eeraniiru.
Dargaggoota kanaaf liqaa birrii miiliyoona 31 ol isaaniif mijessuurra darbee bakka hojii fi gurgurtaa lafa karee kuma 6 fi 800 ol dhihaachuusaa ibsaniiru.
Carraawwan gabaa fi humna damichaan jiru hunda guutummaan fayyadamuun sagantaa maaddii guutuu waliin walitti hidhuun faayidaa damicharraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Lammiilee hojicharratti bobba’aniif deeggarsi taassifamu cimee ittifufa jechuun obbo shimallis ibsaniiru.