Ardichatti sochiiwwan misoomaa ariifachiisuuf maddoota faayinaansii haaraa barbaaduun barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Ardichatti sochiiwwan misoomaa ariifachiisuuf maddoota faayinaansii haaraa barbaaduun barbaachisaadha
Guraandhala 4/2018 (ENA) - Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban ibsaniiru.
Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera.
Walgahii kana irratti barreessaan olaanaa Komishinii Diinagdee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Afrikaa Kilaavar Gateetee, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’an argamaniiru.
Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuf, Yaa’iin Gamtaa Afrikaa bara kanaa fedhii waloo fi walitti dhufeenya misoomaa ardii kanaa kan cimsu ta’uu ibsaniiru.
Komishiniin Gamtaa Afrikaa hojiiwwan haaromsaa hedduu gaggeessaa akka jiru eeruun, Hojiiwwan hedduu gama nageenyaa fi tasgabbii, faayinaansii fi sirna haqaa irratti hojjetamaa jiran akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Manni Marichaa dhimma nageenyaa fi tasgabbii ardii kanaa irratti deebii kennaa akka jiru eeruun, Giinii fi Gaaboon gara Gamtaa Afrikaatti deebi'uu isaaniitti gammadeera jedhani.
Hojiiwwan misoomaa ardii kanaa saffisiisuuf maddoonni faayinaansii haaraan barbaadamuu akka qaban kan ibsan yoo ta’u, gama kanaan dameen dhuunfaa, waldaaleen siivikii fi dhaabbileen tola ooltummaa hirmaachuu qabu jedhaniiru dura taa’aan kuni.
Waggaa darbe keessaa qaamolee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu haala gaariin hoogganan galateeffataniiru.
Manni Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministiroota Dhimma Alaa Gamtaa Afrikaa, Ajandaa Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8/2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.