Tamsaasa Kallatti:

Riifoormiin diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu'uura kaa'eera – Ministira Malaakuu Alleebal

Guraandhala 4/2018 (ENA)- Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal haaromsi diinagdee Gooroo dameen industirii akka guddatu bu’uura kaa’uu ibsaniiru.

Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad haasawa tibbana Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataaf taasisaniin, Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame damee hundaan bu’aa gaarii argamsiiseera jedhanii ture.

Riifoormichi dinagdee qonna irratti hundaa’e irraa gara damee adda addaatti jijjiiruun guddina qulqullina qabu mirkaneessuu fi ba’aa liqaa hir’isuuf kan kaayyeffate ta’uu hubachiisaniiru.

Riifoormiin dinagdee Gooroo bal’aan kun irra caalaa sharafa alaa gabaa irratti kan hundaa’e gochuu, imaammata faayinaansii fi maallaqaa sirreessuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuun madaallii daldalaa biyyattii sirreessuuf kan akeekedha.

Akka Ministirri Industirii Malaakuu Alleebal turtii ENA waliin taasisaniin ibsanitti, Haaromsi diinagdee Gooroo kun dadhabbina caasaa waggootaaf diinagdee dhiphisaa ture suphuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira jedhan.

Damee omishaa keessatti rakkoolee mudatan furuu fi oomishtummaa guddisuuf gumaacha olaanaa taasisaniiru jedhaniiru.

Garaagarummaan sharafa alaa kanaan dura ture omishtoonni omishasaanii gara alaatti erganii faayidaan argatan xiqqaa ta’uu yaadachiisuun, fooyya’insi haaraan taasifame garaagarummaa kana dhiphisuun Al-ergiin bu’aa qabeessa akka ta’u gargaareera jedhan.

Gama biroon dhiheessiin sharafa alaa fooyya’uun, omishtoonni adeemsa omishaaf galteewwan barbaachisan salphaatti akka argatanii fi omisha alaa galan omisha biyya keessaan akka bakka bu’aniif carraa uumuu ibsaniiru.

Fooyya’insichi madaalli daldalaa akka wal-gitu gochuurratti shoora olaanaa taphachaa jiraachuu fi kunis industirii omishaarratti bu’aa galmeessa jiraachuu ibsaniiru.

Industiriin omishaa guddina biyyaa keessatti qooda qabu haala adda ta’een akka guddatu gochuusaa beeksisaniiru.

Fooyya’insi Diinagdee Gooroo guutuu yaa’insa Investimantiiwwan haaraa harkisuurratti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu obbo Malaakuun dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015