Tamsaasa Kallatti:

Afrikaan biyya harka biyyoota biroo ilaaluun jiraattu osoo hin taanee, michoota misoomaa dhugaa kan ishee barbaachisu lafa abdiiti - Ministira doktar Geediyoon Ximootiwoos

Guraandhala 4/2018 (ENA) - Ministirri Dhimma Alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos Afrikaan biyya qabeenya uumamaa fi abdii hedduu qabduu fi michoota misoomaa dhugaa barbaaddu malee kan harka biyyoota biroo ilaaltu miti jedhan.

Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.


 

Walgahii kana irratti Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahamuud Alii Yuusuf, Ministirri Dhimma Alaa Angoolaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ambaasaaddar Teetee Antooniyoo fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota miseensa ta’anii argamaniiru.

Wayita sanatti Ministirri Dhimma Alaa Geediyoon Ximootiwoos, Afrikaan haaromsa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii, haala qilleensaa fi ijaarsa faayinaansii idil-addunyaa irratti ejjennoo waloo akka qabdu ibsaniiru.

Kunis gahee Afrikaan addunyaa irratti qabdu guddisuuf yaa’ii Biyyoota Garee 20 (G20) Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti gaggeeffame irratti ifatti akka mul’ate hubachiisaniiru.

Biyyoota Afrikaa hedduu filannoo biyyoolessaa gaggeessan keessaa Rippaabilikni Giinii fi Rippaabilikni Gaaboon sirna heera mootummaatti deebi’uun gara Gamtichaatti deebi’uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru.

Yeroo ammaa kaayyoo hundeeffama Gamtaa Afrikaan ala kan ta’an, al-seerummaa jijjiirama mootummaarratti taasifamanii fi haalli ji’oopoolitikaa addunyaa nagaa fi tasgabbii ardii kanaaf qormaata ta’uu hubachiisaniiru.

Ol’aantummaan teeknooloojii, to’annoon qabeenya albuudaa fi daandii loojistiskii dorgommiin cimaan sadarkaa addunyaatti dabalaa akka jirus ibsaniiru.

Maariin Biyyaalessaa Ituyoophiyaa rakkoo jiruuf furmaata waaraa fiduuf kan dandeesisudha

Humnoonni gurguddoo fi gidduugaleeyyiin Afriikaa akka dirree dorgommii fi iddoo fedhiisaanii itti guuttatan, rakkoolee gama kamiinuu dhufan ittisuuf gamtaa cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Afriikaan waan xiqqaa isheef kennamu osoo hin ta’iin deeggartoota misoomaa dhugaa ishee barbaachisa kan jedhan Ministirichi, kanaafis tokkummaa Ardii fi misooma waloof, milkaa’ina kaayyoo misooma waloof kutannoon hojjechuu akka qaban xiyyeeffataniiru.

Ajanda 2063’f Afriikaa barbaannu dhugoomsuuf waliigaltee daldala bilisaa Ardii Afriikaa bifa addaan haala fooya’een hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru.

Ardichatti jijiirama haala qilleensaa hir’isuun, Fayyaan, Qonnaa fi tajaajiloota dameelee Hawaasummaa fi Diinagdeen guddinni tasgabbaa’aan galmaa’aa jirachuu eeraniiru.


 

Gara fuula duraattis shora ijaarsaa gamtaa Afriikaa caalaatti guddisuun , carraa fooya’aa waloof tokkummaa fi kutannoon hojjechuu akka gaafatu hubachiisaniiru.

Rakkoo Afriikaanotaa furmaata Afriikaan kennuun nageenya fulla’aa fi Qajeeltoowwan heeraan bitamuun Ardii badhaate ijaaruu akka qaban ibsaniiru.

Dabalataanis Afriikaan Murtiiwwan dhaabbilee Idil- Addunyaarratti bakka sirrii hanga argattutti gaaffiin deeggarsa Idil- Addunyaa cimee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru.

Manni Maree hojii raawwachiiftuu Misistirotaa dhimma Alaa Gamataa Afriikaa Ajandaawwan yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 gaggeeffamuuf dhihaatu akka mirkaneessan ni eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015