Walga’iin qorannoo nageenyaa biyyaalessaa 6ffaan manni maree dhaabbiilee Amantaa Itiyoophiyaan qopheesse eegalame - ENA Afaan Oromoo
Walga’iin qorannoo nageenyaa biyyaalessaa 6ffaan manni maree dhaabbiilee Amantaa Itiyoophiyaan qopheesse eegalame
Guraandhala 4/2018(ENA)- Walga’iin qorannoo Nageenya biyyaalessaa 6ffaan Mananni Maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaan qopheesse Magaalaa Hosaa’inaatti gaggeeffamaa jira.
Walga’iin qorannichaa mata duree “Amantaan Nageenyaaf ” jedhuun gaggeeffamuu kan eegale yoo ta’u, manni maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa naannoo gidduugaleessa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan qopheessedha.
Waltajjicharratti dhaabbileen Amantaa fi gaggeessitoonni Amantaa qooda ijaarsa nageenyaarratti qaban, qabaannaa hedduumminaa fi haala ijaarsa nageenyaarratti hojiiwwan hojjetamaniif gabaasni dhihaatee mariin akka irratti taasifamuu fi kallattiin fuula duraa akka kaa’amu ibsameera.
Sagantichi Bulchaan Naannoo gidduu galeessa Itiyoophiyaa Doktar Indaashaw Xaasoo, Barreessaan walii galaa mana maree dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Luba Taagaay Taaddalaa, bakka bu’oota ministeera nageenyaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mana maree Amanataa fi Abbootiin Amantaa akkasumas keessummoonni Afeeraman hirmaachaa jiru.