Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Jalqabeera - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa Jalqabeera
Guraandhala 04/2018(ENA)- Yaa’iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti eegale.
Walga'ichis mata duree "Dhiyeessii bishaanii waaraa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyummaan isaanii eegame mirkaneessuu; milkaa'ina galmoota Ajandaa 2063'f" jedhuun gaggeeffama.
Ministiroonni dhimma alaa Afrikaa, dippilomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee Gamtichaa irratti hirmaachaa jiru.
Walgahii kana irratti hirmaachuuf ministiroonni dhimma alaa fi deetaan Ministiroota alaa Afrikaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo Finfinnee galuun isaanii ni yaadatama.
Manni marichaa ajandaawwan walgahii 51ffaa koree bakka bu’oota dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Amajjii 2018 gaggeeffame irratti mari’ata.
Manni maree hojii raawwachiiftuu ajandaawwan Yaa’ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa Guraandhala 7 fi 8, 2018 gaggeeffamuuf ni raggaasisa jedhamee eegama.
Walgahiin idilee mana marichaa hanga guyyaa boruutti itti fufa.