Tamsaasa Kallatti:

Ministiroonni Dhimma Alaa Afrikaa Finfinnee Galaa jiru

Guraandhala 04/2018 (ENA)- Ministiroonni Dhimma Alaa Biyyoota Afrikaa adda addaa irraa dhufan Yaa’ii Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afriikaa fi Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru.


 

Kanneen har’a ganama Finfinnee galan keessaa Ministirri Dhimma Alaa Gaanaa Saamu’eel Okudizeetoo Ablaakawaa, Ministira Dhimma Alaa Siisheelsii Baarii Fowaar, Ministira Dhimma Alaa Senegaal Chaakii Naangii fi Ministira Dhimma Alaa Sudaan Kibbaa fi Ambaasaaddara Tumsa Idil Addunyaa Mondayesaa Saamiyaa Kumbiyaa ni argamu.

Dabalataan, Ministira Dhimma Alaa fi Tumsa Idil-addunyaa Iswaatinii, Foolil Dilaamiinii Shakaantuu, Ministira Dhimma Alaa Toogoo, Piroofeesar Roobarti Duusaay, Ministira Dhimma Alaa Taanzaaniyaa fi Ministira Tumsa Baha Afrikaa, Ambaasaaddar Maahimmad Taabiit Kaamboo fi Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Baayisooloo Niyaantii Finfinnee galaniiru.


 

Akksumas Itti aanaa Ministeera Dhimma Alaa Koongoo Noyilaa Naakiwiipaanee Ayyeegaanagaatoo yaa’ii idilee Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa 48ffaa fi Yaa’ii hongaantootaa Gamtichaa 39ffaa irratti hirmaachuuf warreen Finfinnee galan keessaa kanneen eeramanidha.

Ministiroonni kunneen Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan Deetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee simataniiru.

Walgahiin Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Ministirootaa Ajandaa Yaa’ii Gamtichaa 39ffaa ni raggaasisa jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015