Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har'a Jalqaba - ENA Afaan Oromoo
Yaa'iin Idilee 48ffaa Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har'a Jalqaba
Guraandhala 04/2018 (ENA) - Yaa’iin Idilee 48ffaan Mana Maree Hojii Raawwachiiftuu Gamtaa Afrikaa har’a waajjira Muummee Gamtichaa Finfinneetti ni eegala.
Ministiroonni dhimma alaa Afrikaa, dippilomaatonnii fi hoggantoonni dhaabbilee Gamtichaa ni hirmaatu.
Ministiroonni dhimma alaa fi deetaan ministirootaa Afrikaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo walgahii kana irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru.
Manni Marichaa ajandaawwan Yaa’ii 51ffaa Koreen Bakka Bu’oota Dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Amajjii 2018 mari’ate irratti ni mari’ata.
Manni Marichaa caasaa gurmaa’insa Dhaabbilee Gamtaa Afrikaa, gabaasa dhaabbilee, qophii Gamtaa Afrikaa, koreewwan xixiqqaa Mana Maree kana jala jiranii fi raawwii Ajandaa 2063 ni dhaggeeffata jedhamee eegama.
Qabxiileen ajandaa irratti mari’ataman wabii nyaataa fi qulqullina bishaanii, raawwii Ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa ardiilee, misooma hawaasummaa fi diinagdee, misooma humna namaa, haaromsa dhaabbilee fi faayinaansii, tumsa naannoo fi ga’ee Afrikaan waltajjii addunyaa irratti qabdu kan dabalatudha.
Walgahii biyyoota garee 20(G20) akka lakkoofsa faranjootaa bara 2025 Afrikaa Kibbaatti gaggeeffame irrattis hirmaannaan Afrikaa ni gamaaggamama.
Manni Maree kun yaa’ii kana irratti filannoo gaggeessuun miseensota qaamolee gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaatan ni muuda.
Korichi haala Adeemsa Odiitii Dandeettii fi Madaallii Gahumsaa (SACA) kan riifoormii humna namaa ijoo Gamtaa Afrikaa ta’e irratti ni mari’ata jedha odeeffannoon ENA’n Gamtaa Afrikaarraa argate akka mul’isutti.
Bu’uuraalee seeraa fi dhimmoota bulchiinsaa irrattis ni mari’ata jedhamee eegama.
Dhaabbilee fi caasaa gurmaa’insa Gamtaa Afrikaa irratti ibsii fi sagantaaleen adda addaa har’a ni gaggeeffamu.
Walga'iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa immoo Guraandhala 7 fi 8 Finfinneetti taa'ama.
Ministiroonni kunneen Ajandaa Yaa’ii Idilee Hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaaf dhiyaatu ni raggaasisuun eegama.
Walgahiin idilee Mana Marichaa hanga guyyaa boruutti itti fufa