Deeggarsi hunda galeessa mootummaa bunni Itiyoophiyaa dorgommii Idil- Addunyaarratti qabu guddisa jira - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsi hunda galeessa mootummaa bunni Itiyoophiyaa dorgommii Idil- Addunyaarratti qabu guddisa jira
Guraandhala3/2018(ENA)- Deeggarsa hunda galeessa mootummaan damee bunaarratti taasisuun bunni Itiyoophiyaa gabaa Idil- Addunyaarratti dorgomummaa fi filatamuummaasaa sadarkaa olaanaan guddisuusaa Al-ergitoonni damichaa ibsan.
Yeroo ammaa barbaadamummaa Bunni Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil -Addunyaatti qabu dabalaa dhufuusaan olitti bakeewwan gahumsa gabaa haaraan dabalaa jiru.
Kana hordifuun biyyattiin sharafa alaa argattu yerootii gara yerootti guddina argisiisaa kan jiru yoo ta’u, Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 gabaa Idil -Addunyaaf erguun, galii doolaara biiliyoona 2 tuqaa 65n argachuu dandeesseetti.
Kunis Seenaa Bunaa biyyattiitti galii guddaa fi sadarkaa qulqullinaa ta’ee kan galmaa’e yoo ta’u , mootummaan bu’aa kana ittifufsiisuun bara baajataa qabame galii argamu gara doolaara biiliyoona 3tti guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Al-ergitoonni Bunaa ENA’f yaada kennan akka jedhanitti guddinnii fi milkaa’inni damee bunaan dhufaa jiruuf deeggarsi mootummaa guddaadha jedhaniiru.
Daaretarri Al-Ergii Buna Ispeeshaalayizii Taaddasaa Dastaa Obbo Gabira Masqal Haayiluu akka jedhanitti, Xiyyeeffannoo addaa mootummaan dame kanaaf kenneen bunni Itiyoophiyaa biyyoota Awurooppaa, Ameerikaa fi Chaayinaa bira darbee kutaalee Addunyaa hunda keessatti akka barbaadamu taassiseera.
Kanaanis lakkoofsi maammilli dhabbataasaanii sadarkaa guddaan dabaluusaa mirkaneessaniiru.
Ammaan dura bakki gahumsa bunaa xiqqoo kan turan yeroo ammaa bal’inaan rabsamuusaa fi Maamiltoota Idil-Addunyaarra yaanni kennamu gaarii ta’uusaa hojii gaggeessaan Tiraakoon Tireeding kofii Sorsingii Saamii Eeliyaas ibsaniiru.
Keessumaa xiyyeeffannoo mootummaan dhiheessii lafaa fi adeemsa daldala alaaf kenneen Al-ergitoonni haamlee guutuun akka hojjetan isaan gargaareera jedhaniiru.
Hundeessa fi hojii gaggeessan “ EMMA Coffee” Maawahaa Sayid buna qulqullinaa fi baay’inaan dhiheessuun guddina diinagdee biyyaaf qooda olaanaa gumachaa jiraachuu himaniiru.
Deeggarsa maallaqaa mootummaan isaaniif taassise hojiisaanii isaniif salphisuu fi bu’aa qabeessa akka ta’anis ibsaniiru.
Al-ergitoonni kunnneen omisha qulqullina qabu dhiheessuu itti fufuun galii sharafa alaarraa argmu guddisuuf kutannoo qaban ibsuun, mootummaan deeggarsa hunda galeessa taassisu cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.