Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhatedha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhatedha
Guraandhala 3/2018(ENA)-Gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa Haqummaa fi qajeeltoo waloon guddachuu bu’uura kan godhate ta’uu Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu dubbatan.
Ulaan galaanaa carraa Invastimentii kallattiin babal’isuun olitti, daangaan biyya tokkoo akka kabajamuuf faayidaan qabu salphaa kan jedhamu miti.
Haata’u malee dhimmoota kana tilmaama keessa galchuu dhabuun miidhaan Itiyoophiyaarratti raawwatameen haalli itti Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabde callisuun waggoota kan lakkoofsisee fi namoota hedduu biratti gaabbii uumeera.
Haata’u malee yeroo ammaa callisuun hafee dhimmi Abbummaa Ulaa gaalaanaa Itiyoophiyaa gaaffii dhalootaa fi dhimma jiraachuu biyyaa ta’ee itti fufeera.
Dhimma kanarratti Hayyuun Saayinsii Siyaasaa fi Quunnamtii Idil-Addunyaa pirofeesar Buruuk Hayiluu ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Galaanni diimaan haala teessuma lafaan, uumamaa fi seenaan akka adda hin baanetti kan walitti hidhamanidha jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Galaana Diimaa malee madaallii hedduun jiraachuuunsee rakkoo ta’uu dhugaa namni hundi hubatu ta’uu kaasuun Abbaa Ulaa Galaana ta’uun dirqama ta’uu ibsaniiru.
Abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaa haqaa fi qajeeltoo waliin guddachuu kan bu’uura godhate waan ta’eef waliigala biyyoonni Riijinichaa kana hubachuun raawwiisaaf waliin dhaabbachuu qabu jedhaniiru.
Haalli Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa itti dhabde hanga ammaatti ifa kan hin taane ta’uu yaadachuun, yeroo ammaa gaaffii dhalootaa ta’ee ka’uunsaa seera Idil- Addunyaan, seenaanis ta’e haala teessuma lafaan sirrii ta’uu kaasaniiru.
Haata’u malee gaaffiin Abbummaa Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa Seera Idil- Addunyaan Waliigaltee nagaanii fi tattaaffii Dippiloomaasiin deebiin barbaachisaan kennamuufii qaba jedhaniiru.