Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaaf mallattoon isaa Bissii Qamadii akka ta'u beeksise - ENA Afaan Oromoo
Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaaf mallattoon isaa Bissii Qamadii akka ta'u beeksise
Guraandhala 3/2018 (ENA)- Paartiin Badhaadhinaa mallattoon filannoo waliigalaa 7ffaa isaa Bissii qamadii ta’uu akka qabu beeksiseera.
"Itiyoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!" Paartiin Badhaadhinaa manifastoo fi mallattoo filannoo waliigalaa 7ffaa beeksisuuf waltajjii gaggeessaa jira.
Waltajjicharratti itti aanaa Ministira Muummee fi itti aanaa pereezdaantii paartii badhaadhinaa obbo Tamasgeen Xurunaa , Hogganaa Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti fi itti aanaa pireezdaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, akkasumas miseensonni Mana Maree fi Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa, Hoggantoonni Komishinii Inspeekshinii fi Naamusaa; hooggantoonni olaanoo dhaabbatichaa fi keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Itoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!argamaniiru.
"Itiyoophiyaan gara biyya fakkeenyaatti!" filannoo waliigalaa 7ffaa bara kanaatiif dhaadannoo Paartii Badhaadhinaa jedhamee moggaafameera.
Paartiin Badhaadhinaa mallattoon filannoo waliigalaa 7ffaa isaa bara kanaa Bissii qamadii, kan mallattoo ida’amuu, tokkummaa,tumsaa fi oomishtummaa bakka bu'u ta'uu beeksiseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24/2018 akka gaggeeffamu beeksisuun isaa ni yaadatama.